John 7:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa Masiihiin dhufu, inni eessaa akka dhufu eennulle hin beeku. Namichi kun ammoo eessaa akka dhufe hin beenna” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo nu nama kana fulla inni bahefi imbeenna; ammo yo Kristoni d'ufu nami tokoleeni ka gara inni bahefi beekhu injiru jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo nu nama kana fulaa innii ba'eef inbeenna; yo Kiristoon dhufu ammoo namii tokkolleen ka gara innii ba'eef beeku hinjiru” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nu ammo namni kun nama eessaa akka ta'e beenneerra. Kiristoos hennaa dhufu eessaa akka ta'e eennullee hin beeku.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nu ammoo namni kun nama eessaa akka ta'e beenneerra. Kiristoos hennaa dhufu eessaa akka ta'e eennullee hin beeku.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ta'u'llee naminni kun garamii akka ta'e nu'u ni beekinna, Masihiin yoo dhufu garuu garamii akka ta'e, ka beeku eennu'llee hin jiru.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa Masiihiin dhufu, inni eessaa akka dhufu eennulle hin beeku. Namichi kun ammoo eessaa akka dhufe hin beenna» jedhane.