John 7:28 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus adoo Galma Waaqaa keessatti barsiisuu qoonqoo ol qabatee, “Isin ana hin beettan; eessaa akka dhufelle hin beettan. Ani baalluma tiyyaan hin dhunne. Te'uu malee, ka ana erge dhugaamessa. Isin isa hin beettanu;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato Yesoni Mana Waaqa keesati nama barsiisuu jiru, inni qonqo olfud'ate waan jed'e, Isani d'uguma na beetani? Ammalle fulla anini bahefile imbeetani? Anini ufiini ind'umne, taatule Waaqi na erge ka d'ugaati, isani isale imbeetani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus adoo Mana Waaqaa keessatti nama barsiisuu jiruu, qoonqoo olfudhatee, “Isan dhuguma na beettanii? Ammallee fulaa anin ba'eefiillee inbeettanii? Anin ufiin hindhumne, ammoo Waaqii na ergee ka dhugaati, isan isaallee inbeettan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa Yesuus mana woyyuu keessatti uduu barsiisu, «Ana na beettan, eessaa akka dhufe ammo hin beettan. Ani ufiin hin dhufne. Haa ta'uu ammo ka ana erge ka isin hin beenne sun ka dhuga'aati.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa Yesuus mana woyyuu keessatti uduu barsiisu, «Ana na beettan, eessaa akka dhufe ammoo hin beettan. Ani ufiin hin dhufne. Haata'uu ammoo inni na erge ka isin hin beenne sun ka dhuga'aati.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf Yesus Mana Waaqeffanna'aa titti yoo barsiisu qooniqqa isaa ol fudhatee akkana ni jedhe, «Ana ni beekittan, garamii'llee akka dhufe ni beekittan, ani garuu aangoo mataa kiyyaatiin hin dhufinne, ka ana erge inni dhugaalessa, isin garuu isa hin beekittaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus adoo Galma Waaqaa keessatti barsiisuu qoonqoo ol qabatee, «Isin ana hin beettan; eessaa akka dhufelle hin beettan. Ani baalluma tiyyaan hin dhunne. Te'uu malee, ka na erge dhugaamessa. Isin isa hin beettanu;