John 7:35 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yihudooti baallii qabanu, “Addee nuuti isa hin dhaggine inni eessa dhaqaara? Inni addee kolbaan teenna leetu gara qachoota Giriiki'ii dhaqee, Giriikoota barsiisiisaafii?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yahudiini waan woliini jette, Inni eesa d'aqu fed'a, aka nu ingarre? Inni dira Yuna ka Yahudiini iti godaante d'aqe gosa Griki barsiisu fed'a? jed'ani wolgaafatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yihudiin waliin, “Namichii kun akka nu hingarre eessa dhaquu fedha? Innii diroota Giriikii ka Yihudiin itti godaante dhaqee gosa Giriikii barsiisuu fedhaa?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa Yihuudonni, «Akka nu isa hin argine eessa deemu'uuf ta'aa? Gara worra Giriikiin jiddu'utti bittinnaayaniiranii deemee barsiisu'uuf ta'aa?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa Yihuudonni, «Akka nu isa hin argine eessa deemu'uuf ta'aa? Gara worra Giriikiin jiddu'utti bittinnaawaniiranii deemee barsiisu'uuf ta'aa?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf namoonni worra Yihudotaa ka aangoo qaban akkana woliin jedhan, «Akka nu'u isa hin arganneef, naminni kun garam deemu'uuf laata? Yookiin gara worra Giriikota jiddu'utti bittinnaayanii deemee, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanini barsiisinnaa laata?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudooti baallii qabanu, «Addee nuuti isa hin dhaggine inni eessa dhaqaara? Inni addee kolbaan teenna leetu gara qachoota Giriiki'ii dhaqee, Giriikoota barsiisiisaafii?