John 7:39 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus marroo Ayyaana Woyyicha worri isatti dhugeeffatu fudhatuutiif tana jedhe; Yesuus gara ulfinnaa ol waan hin fudhataminiif, yennaa san Ayyaanni Woyyichi kennamee hin jiru.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbi tana Yesoni waan Lubbu jed'e, ta worri isa d'ugefatu argatu. Gaafasi Waaqi Lubbu ufi nama inkennine, wonti akanatiifi Yesoni qara guddinna ufi inarganne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus dubbii tana waan Hafuura Qulqulloo ka warrii isa dhugeeffatu argatuu dubbate. Gaafasi Waaqii Hafuura ufii qulqulloo namaa hinkennine, waantii akkanaatiif Yesus qara guddinna ufii hinarganne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kana ammo waan Ayyaana Woyyu'uu ka worri isatti amanan argatu'uuf ta'uu san dubbate. Waan Yesuus gara ulfinnaa ol hin bayiniif Ayyaanni Woyyuun hennaa san hin kennamne ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kana ammoo waan Ayyaana Woyyu'uu ka worri isatti amanan argatu'uuf ta'uu san dubbate. Waan Yesuus gara ulfina ol hin bayiniif Ayyaanni Woyyuun hennaa san hin kennamne ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana'llee ka dubbate worri isatti amanan isa irraa waayee ka fudhatanii, waayee Hafuura Qulqulluu'uu ture, Yesus'llee amma'llee gara ulfinnaa ol waan hin bayiniif, Hafuurri Qulqulluun hin kennamnneef ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus marroo Ayyaana Woyyicha worri isatti dhugeeffatu fudhatuutiif tana jedhe; Yesuus gara ulfinnaa ol waan hin fudhataminiif, yennaa san Ayyaanni Woyyichi kennamee hin jiru.