John 8:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ammalle isaaniin, “Ani ifa biyya lafaa ti; ka ana hordofu marti ifa jiru'uu hin qabaata malee, ijjumaa dukkana keessa hin ideemu” jedhee dubbate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni ammalle dubbate waan worraani jed'e, Anini ifsa lafaati. Nami na gula d'ufu dukana keesa indeemu, ammo ifsa jireennaa argata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammallee warratti dubbatee, “Anin ibsee lafaati. Namii na gula dhufu dukkana keessa hindeemu, ammoo ibsee jireennaa argata” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ammallee Yesuus, «Ani ifa adunya'aati, ka ana faana deemu, ifa jireennaatitu ta'aaf malee dukkana keessa hin jiraatu» jedhee isaanitti dubbate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ammallee Yesuus, «Ani ifa adunya'aati, ka na faana deeme, ifa jireennaatitu ta'aaf malee, dukkana keessa hin jiraatu» jedhee isaanitti dubbate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Deebi'ee'llee Yesus, «Ani ifa biyya lafaati, ka ana horddofu marrinuu ifa jireennaa ni argata, dukkanaan'llee hin dedeebi'u» jechu'uun, isaanitti ni dubbate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ammalle isaaniin, «Ani ifa biyya lafaa ti; ka na hordofu marti ifa jiru'uu hin qabaata malee, ijjumaa dukkana keessa hin ideemu» jedhee dubbate.