John 8:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Ani ifii kiyyaaf yoo dhugaa bayeelle, ani eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu waan beekuuf, dhugaa bayi kiyya dhuga'a. Isin ammoo eessaa akka ani dhufe yookiin eessa akka ani deemu hin beettanu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Yo ani ufi d'ugeesele, d'ugeesani tiyya ta d'ugaati; wonti akanatiifi anini gara d'ufeefi gara deemule imbeekha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo deebisee, “Anin yo ufii dhugeessellee, dhugeessaan tiyya ta dhugaati; wantii akkanaatiif anin gara dhufeefiifi gara deemuullee inbeeka.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Ani yoo waan kiyyallee rage, eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu waan beekuuf ragaan kiyya dhuga'a. Isin ammo eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu hin beettan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Ani yoo waan kiyyallee rage, eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu waan beekuuf, ragaan kiyya dhuga'a. Isin ammoo eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu hin beettan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Yoma ani waayee mataa kiyyaa ragaa baye'llee eessaa akka dhufe, garam'llee akka deemu waan beekuuf ragummaan kiyya dhuga'a, isin garuu eessaa akka dhufee fi garam'llee akka deemu, hin beekittan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Ani ifii kiyyaaf yoo dhugaa bayelle, ani eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu waan beekuuf, dhugaa bayi kiyya dhuga'a. Isin ammoo eessaa akka ani dhufe yookiin eessa akka ani deemu hin beettanu.