John 8:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani ammoo yoo murelle, ka ana erge Abbaan ana woliin jira; qofii tiyya waan hin murreef, muraan tiyya dhuga'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo qorele, qorsumaani tiyya ta d'ugaati, waan anini koba injirreefi; anaafi Abbaani na erge wolumaani jirra.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin yo mureellee, muraan tiyya ta dhugaati, waan anin kophaa hinjirreef; naa fi Abbaan na erge walumaan jirra.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Aabbaan ana erge na woliin jira; hojja kiyya waan hin jirreef, Ani yoo murteesse murtiin kiyya dhuga'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Aabbaan na erge na woliin jira; hojja kiyya waan hin jirreef, Ani yoo murteesse murtiin kiyya dhuga'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yoma murteesse'llee Waaqinni Abbaan ana erge ana woliin waan ta'ee fi ani'llee adda kiyyatti waan hin murtteessineef, murtiin kiyya dhuga'a,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani ammoo yoo murelle, ka na erge Abbaan na woliin jira; qofii tiyya waan hin murreef, muraan tiyya dhuga'a.