John 8:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duubaa isaan, “Abbaan keeti eessa jira?” jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, “Isin analle, Abbaa kiyyaalle hin beettanu; adoo ana beettanee Abbaa kiyyaalle hin beettaniiyyu” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri waan jed'eeni, Abbe eennu? Yesoni waan jed'eeni, Isani na imbeetani, yokhaani Abba kiyyale imbeetani. Yo sila na beetani, Abba kiyyale imbeetani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan warrii, “Abbee eessa jira?” jedhee Yesus gaafate. Yesus deebisee, “Isan na hinbeettan, yokaan Abbaa kiyyaallee hinbeettan. Yo silaa na beettan, Abbaa kiyyaallee inbeettan” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san isaan, «Eegasuu abbaan kee eessa jira?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee, «Anallee yookaan Abbaa kiyyallee hin beettan, ana uduu beettanii Abbaa kiyyallee silaa hin beettan» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu, «Abbaan kee eessa jira?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee, «Anallee yookiin Abbaa kiyyallee hin beettan, ana uduu beettanii Abbaa kiyyallee silaa hin beettan» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti isaan, «Abbaan kee eessa jira?» jechu'uun, ni gaafataniin. Yesus'llee, «Ana ta'ee Abbaa kiyya'llee hin beekittan, ana ka beekittan uduu ta'eetii, Abbaa kiyya'llee ni beekittan ture!» jechu'uun, isaanii ni deebise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba isaan, «Abbaan keeti eessa jira?» jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, «Isin analle, Abbaa kiyyaalle hin beettanu; adoo na beettanee Abbaa kiyyaalle hin beettaniiyyu» isaaniin jedhe.