John 8:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus Galma Waaqaa keessatti, addee subbi kennansaa keyamuun biratti adoo barsiisuu jecha kana mara dubbate. Te'uu malee yennaan isaa waan hin geyiniif eennulle isa hin qanne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbi tana Yesoni mana hori keesati olkayani keesati jed'e, ato Mana Waaqa keesati wo barsiisu. Nami tokoleeni isa inqamne waan guyyaani isaa qara ingayiniifi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus mana Waaqaa keessaa, adoo fulaa horii buusan olka'aan bira taa'ee, wa barsiisuu jiruu dubbii tana dubbate. Waan guyyaan isaa qara hingayniif, namii tokkolleen isa hinqamne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus uduu mana woyyu'uu keessatti barsiisu, mana qabeennaa biratti kana dubbate, yoo san hennaan waan hin geenneef eennullee isa hin qabne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee uduu mana woyyu'uu keessatti barsiisu, mana qabeennaa biratti kana dubbate, yoo san hennaan waan hin geenneef eennullee isa hin qabne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee dubbii kana ka dubbate Mana Waaqeffanna'aa titti bakka sanduuqa qarshii itti fuudhanii bira ta'ee, yeroo barsiisutti. Eegaa, yeroon amma'llee waan hin gayiniif, eennu'llee isa hin qabnneen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus Galma Waaqaa keessatti, addee subbi kennansaa keyamuun biratti adoo barsiisuu jecha kana mara dubbate. Te'uu malee yennaan isaa waan hin geyiniif eennulle isa hin qanne.