John 8:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani ‘Ana’ akka te'e beettanee yoo hin dhugeeffatin, cubbuu teessaniin waan duutanuuf, isin cubbuu teessaniin hin duutan jedhe” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti anini, Isaniini daba keesani keesati dootani jed'eefi tana. Ammalle isani daba keesani keesati inuma dootani, yo aka anini d'uguma Isuma d'ugefachu diddani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii anin, ‘Isaniin cubbuu teessan keessatti dootani’ jedheef tana. Ammallee isan cubbuu teessan keessatti inuma dootan, yo akka anin dhuguma isumaa dhugeeffachuu diddan” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eegasuu, «Isin cubbuu keessaniin duutan» isiniin jedha. Ani akka ‹Ana› ta'e yoo amanuu dhabaattan cubbuu keessaniin duutan» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu, «Isin cubbuu keessaniin duutan isiniin jedha. Ani akka ‹Ana› ta'e yoo amanuu dhabatan cubbuu keessaniin duutan» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
eennummaa kiyya beekittanii yoo amanuu dhabaattan, cubbuu keessaniin woliin ni duutan ka isiniin jedhe kanaaf.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani ‹Ana› akka te'e beettanee yoo hin dhugeeffatin, cubbuu teessaniin waan duutanuuf, isin cubbuu teessaniin hin duutan jedhe» jedheen.