John 8:26 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani marroo teessan waan jedhuu fi waan isinitti muru hedduu qaba. Teetuu malee, ka ana erge dhugaamessa; anille waan isa irraa dhage'e qofa biyya lafaatitti dubbadha” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini waan heddu qaba, ta dubbad'e waan keesani qoru, ammo nami na erge ka d'ugaati, ammalle waan anini isa ira d'agaye ch'alla namati hima.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin waan keessan ta dubbadhuufi ta muruullee hedduu qaba, ammoo namii na erge ka dhugaati, ammallee anin waan isa irraa dhaga'ee callaa namaatti hima” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani waan keessan waan dubbadhuuf waan murteessu waan hedduu qaba. Haa ta'uu ammo ka ana erge ka dhuga'aati; anillee ka isa irraa dhagaye kana adunya'atti dubbadha» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani waan keessan waan dubbadhuuf waan murteessu waan hedduu qaba. Haata'uu ammoo ka na erge ka dhuga'aati; anillee ka isa irraa dhagaye kana adunya'atti dubbadha» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
waayee keessan ka dubbadhuu fi ka murtteessu'llee waan baayi'ee ni qaba, haa ta'u malee ka ana erge dhugaalessa, ani'llee biyya lafaa titti ka dubbadhu, isa irraa waan dhagaye.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani marroo teessan waan jedhuu fi waan isinitti muru hedduu qaba. Teetuu malee, ka na erge dhugaamessa; anille waan isa irraa dhage'e qofa biyya lafaatitti dubbadha» jedhe.