John 8:29 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ka ana erge ana woliin jira; ani yennaa mara waan isa gammachiisu waan hujuuf, inni qofii tiyya ana hin lakkinne” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle nama na erge nu wolumaani jirra; inni kobati na illakisu, waan anini guyya ch'ufa waan isaani gammachiisa ch'alla tolchuufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee nama na erge nu walumaan jira; innii kophaatti na hinlakkisu, waan anin guyyaa cufa waan isa gammachiisaa callaa hojjadhuuf” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka ana erge na woliin jira. Ani hennaa maraa waan isa gammachiisu waan hojjadhuuf Aabba hojja kiyya na hin dhiisu» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka na erge na woliin jira. Ani hennaa maraa waan isa gammachiisu waan hojjadhuuf, Aabbaan hojja kiyya na hin dhiisu» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ka ana erge ana woliin ni jira, yeroo maraa ka raawwadhu isa waan gammachiisuun waan ta'eef, adda kiyyatti ana hin dhiifnne.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ka na erge na woliin jira; ani yennaa mara waan isa gammachiisu waan hujuuf, inni qofii tiyya ana hin lakkinne» jedhe.