John 8:33 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan deebisanee, “Nuuti sanyii Abrahaamii ti; ijjumaa eennulle'eef garboolee teenee hin beennu. Ati, ‘Bilisa baatan’ jechuun keeti maan jechu'u ree?” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri waan jed'eeni, Nu d'aloota Abrahamuti, takale tisse nama intaane; ati akami, Isani balchoomsani nuuni jetta?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii deebiseefii, “Nu dhaloota Abrahaamiiti, takkumaallee tissee namaa hintaanne; ati akkam, ‘isan balchoomsan’ nuun jetta?” jedhee gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee deebisanii, «Nu fiixaa Abrahaamiiti; garuu nu hennaa kamiinillee garbicha hin taane; Ati attamitti, ‹Bilisa baatan› nuun jetta?» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee deebisanii, «Nu fiixaa Abrahaamii ti; garuu nu hennaa kamiinillee garbicha hin taane, Ati, ‹Bilisa baatan› attamitti nuun jetta?» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee garuu, «Nu'u fiixaa Abrahaamiiti, gonkumaa eennuuf'llee garba taanee hin beekinnu, eegaa, ‹ati bilisa ni baatan› ka nuun jettu, attamitti?» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan deebisanee, «Nuuti sanyii Abrahaamii ti; ijjumaa eennulle'eef garboolee teenee hin beennu. Ati, ‹Bilisa baatan› jechuun keeti maan jechu'u ree?» jedhane.