John 8:37 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akka isin sanyii Abrahaamii teetane ani hin beeka. Te'uu malee isin jecha kiyya waan hin fudhatiniif, ana ijjeesiisaaf barbaaddan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini imbeekha aka isani d'aloota Abrahamu. Ammo isani na ijeesu feetani, waan dubbini tiyya isani keesa injirreefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka isan dhaloota Abrahaamii taatan anin inbeeka, ammoo waan dubbiin tiyya isan keessa hinjirreef na ijjeesuu feetan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka isin fiixaa Abrahaamii taatanillee ani hin beeka. Haa ta'uu ammo dubbiin kiyya isin keessa waan hin jirreef na ajjeesuu barbaaddan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akka isin fiixaa Abrahaamii taatanillee ani hin beeka. Haata'uu ammoo jechi kiyya isin keessa waan hin jirreef na ajjeesuu barbaaddan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Fiixaa Abrahaamii ta'uu keessan ni beeka, garuu dubbii kiyya waan hin fudhanneef ana ajjeesu'uuf ni barbaaddan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka isin sanyii Abrahaamii teetane ani hin beeka. Te'uu malee isin jecha kiyya waan hin fudhatiniif, na ijjeesiisaaf barbaaddan.