John 8:42 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus isaaniin, “Waaqi dhugumaan Abbaa keessan adoo te'e, ani waan Waaqa biraa dhufee amma as jiruuf, ana hin jaallattaniiyyu. Isatti na erge malee, ani baallii tiyyaan hin dhunne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Yo sila Waaqi Abba keesani tahe, isani na jaalattani; wonti akanatiifi anini gara Waaqaati bahe, yaaduma kiyyaani ind'umne, ammo isati na erge.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus deebisee, “Yo silaa Waaqii abbaa keessan ta'ee, isan na jaalatan; wantii akkanaatiif anin gara Waaqaatii dhufe, yaaduma kiyyaan hindhumnee, ammoo isaatti na erge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Rabbi uduu Abbaa keessan ta'ee silaa na jaalattan. Ani Rabbiin biraa bayee waan dhufeef; isatu na erge malee ani ufiin hin dhufne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Rabbi Abbaa keessan uduu ta'ee silaa na jaalattan. Ani Rabbiin biraa bayee waan dhufeef, isatu na erge malee, ani ufiin hin dhufne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Waaqinni Abbaa keessan uduu ta'ee jiraateetii ana ni jaalattan turttan, ani garana ka dhufeef Waaqa biraayyi, ka ana erge isa malee ani aangoo kiyyaan hin dhufinne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus isaaniin, «Waaqi dhugumaan Abbaa keessan adoo te'e, ani waan Waaqa biraa dhufee amma as jiruuf, na hin jaalattaniiyyu. Isatti na erge malee, ani baallii tiyyaan hin dhunne.