John 8:44 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isin ka abbaa keessan Seexanaa ti; halchaa isaalle godhiisaaf barbaaddan. Inni jalqabumaa kaasee ka nama ijjeesu; dhugaan isa keessa waan hin jirreef, dhugaa irra hin hin jiru. Inni dharaammessaa fi abbaa dharaa waan te'eef, yennaa dhara dubbatu, dharuma ifi keessaa dubbata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Abbaani keesani Sheet'ana, ammalle d'araa abba keesani tolchu feetani. Inni haguma duriiti nama ijeesa, d'ugale woma ira inqabu, waan d'ugaani isa keesa injirreefi. Yo inni d'ara dubbate akuma ufi dubbata; wonti akanatiifi inni kiyyiba, abba d'araati.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Abbaan keessan Sheexana, ammallee dharaa abbaa keessanii tolchu feetan. Innii haguma duriitii nama ijjeesaa; waan dhugaan isa keessaa hinjireef dhugaallee homaa irraa hinqabu, Innii yo dhara dubbate akkuma ufii dubbata; maaliif innii kiyyibaa abbaa dharaati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin ka daabiloosii abbaa keessaniiti. Hawwii abbaa keessanii hojjatuu feetan; inni jalqabumaa kaasee lubbuu balleessa. Dhugaan waan isa bira hin jirreef dhuga'aan hin dhaabanne, yoo soballee dubbatu ufuma irraa dubbata; sobaa abbaa sobaa waan ta'eef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin ka daabiloosii abbaa keessaniiti. Hawwii abbaa keessanii hojjatuu feetan inni jalqabumaa kaasee lubbuu balleessa. Dhugaan waan isa bira hin jirreef dhuga'aan hin dhaabbanne, soballee yoo dubbatu ufuma irraa dubbata. Sobaa abbaa sobaa waan ta'eef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Isin ijoollee abbaa keessan sheexanaati, fedhiin keessan'llee hawwii abbaa keessan raawwachu'u, inni'llee Jalqabumaa kaasee lubbuu ajjeesaa ture, dhugaan isa keessa waan hin jirreef dhuga'aan woliin wolitti dhufeenna woyiituu hin qabu, inni dharaalessaa fi abbaa dhara maraa waan ta'eef, dhara yeroo dubbatutti mataa isaa irraa kaasee ni dubbata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin ka abbaa keessan Seexanaa ti; halchaa isaalle godhiisaaf barbaaddan. Inni jalqabumaa kaasee ka nama ijjeesu; dhugaan isa keessa waan hin jirreef, dhugaa irra hin jiru. Inni dharaamessaa fi abbaa dharaa waan te'eef, yennaa dhara dubbatu, dharuma ifi keessaa dubbata.