John 8:59 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre isaan isa tumiisaaf dhakaa fudhatane; Yesuus ammoo ifi dhossee Galma Waaqaatii bayee deeme.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri d'akhaani isa d'au fed'e, ammo Yesoni worra d'okhate Mana Waaqa keesaa bahe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoosuma warrii Yesus hadhuuf dhakaa guurratee, innii ammoo warraa dhokatee Mana Waaqaa keessaa ba'ee deeme.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu isaanillee isa tumu'uuf dhagaa itti fudhatan, Yesuus ammo isaan jalaa uf dhossee isaan jidduu lufee mana woyyu'uu bayee deeme.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu isaanillee isa tumu'uuf dhagaa itti fudhatan, Yesuus ammoo isaan jalaa uf dhossee isaan jidduu lufee mana woyyu'uu bayee deeme.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf Yihudonni isa woqaru'uuf dhagaa ni guuratan, Yesus garuu isaan jala ufi dhosseeti, Mana Waaqeffanna'aatii bayee ni lixe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan isa tumiisaaf dhakaa fudhatane; Yesuus ammoo ifi dhossee Galma Waaqaatii bayee deeme.