John 8:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan ittuma deddeebi'anee gaafannaan, inni ol jedhee isaaniin, “Isin keessaa ka cubbuu hin qanne, dursee dhakaa isi'itti qolaansuuti” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato worri isa wo gaafatu, inni oljed'e waan worraani jed'e, Nami daba inqamne isani keesa ha qara d'akhaani isi d'au.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo warrii isa wa gaafatuu, innii oljedhee warraan, “Isan keessaa namii cubbuu hinqamne ha qaraa dhakaan isii dha'uu” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Deddeebi'anii hennaa gaafataniin ammo ol jedhee, «Isin keessaa ka cubbuu hin qabne firrisee dhaga'aan isii haa dhayuu» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Deddeebi'anii hennaa gaafataniin ammoo ol jedhee, «Isin keessaa ka cubbuu hin qabne firrisee dhaga'aan isii haa dhayuu» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Irra dedeebi'anii yeroo isa gaafatanitti ol jedheeti, «Isaan keessaa ka cubbuu hin qabnne, dhagaa jalqabaa isii irratti haa darbatu!» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan ittuma deddeebi'anee gaafannaan, inni ol jedhee isaaniin, «Isin keessaa ka cubbuu hin qanne, dursee dhakaa isi'itti qolaansuu ti» jedhe.