John 8:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan yennaa tana dhage'ane, jarsole'een jalqabanee, tokko tokkoon, isaan martinuu bayanee deemane. Yesuus dubartittii achi dhaabbatiisatti jirtu woliin qofuu hafe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri d'ageennaani namu toko tokooni kae yae, qara jaaroleeni yaate, kaimilleeni gula yae. Yesoni koba hafe ka niitileeni achuma ejitu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii dhageennaan namuu tokko tokkoon ka'ee yaa'e, qaraa jaarolleen yaatee, ka'imiilleen gula yaa'e. Adoo niitiilleen achuma isa dura ejjituu Yesus kophaatti lakkisan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee hennaa kana dhagayan manguddoota irraa jalqabanii isaan martinuu tokko tokkoon bayanii isa biraa lixan. Yesuus dubartii jidduu isaanii dhabattee turte woliin hojja ufii hafe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaannillee hennaa kana dhagayan, manguddoota irraa jalqabanii, isaan martinuu tokko tokkoon bayanii isa biraa lixan. Yesuus dubartii jidduu isaanii dhabattee turte woliin hojja ufii hafe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee kana yeroo dhagayanitti jaarsotii irraa jala qabee, marrinuu tokko tokkoon achii ni deeman, kanaaf Yesus dubarttii isaan jidduu dhaabattee turtteen woliin, adda isaa ni hafe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan yennaa tana dhage'ane, jaarsole'een jalqabanee, tokko tokkoon, isaan martinuu bayanee deemane. Yesuus dubartittii achi dhaabbatiisatti jirtu woliin qofuu hafe.