John 9:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni deebisee, “Namicha Yesuus jedhamutti biyyee dhoqqeessee, ila tiyyatti dibee, akka ani gara haroo Siilo'aamii dhaqee dhiqadhu anatti hime. Maarre anille dhaqee dhiqadhee, dhagguu dande'e” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan jed'e, Namichi Yeso jed'ani kaani biyye supe, ila tiyya dibe waan naani jed'e, Siloamu d'aqi, fuula d'iqad'u. Tanaafi ani deeme d'iqad'e lafa arge.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii deebisee, “Namichii Yesus jedhan kaan biyyee suphee, ila tiyya dibee, ‘Siilo'am dhaqii, fuula dhiqadhuu’ naan jedhee jennaan, anin dhaqee dhiqadhee lafa arge” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee deebisee, «Namicha Yesuus jedhamutu biyyee jiisee ija tiyya dibee gara haroo Saalihoomii dhaqii dhiqadhu» naan jedhe. Anillee dhaqee dhiqadhee arge» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee deebisee, «Namichi Yesuus jedhamu biyyee jiisee ija tiyya dibee, gara haroo Salihoomii dhaqiitii dhiqadhu naan jedhe. Anillee dhaqee dhiqadhee, arge» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee, «Yesus naminni jedhame dhoqqee laanbubee ija kiyya dibeeti, ‹gara Saalihomii deemiitii miicadhu› naan jedhe, ani'llee deemee miicadheeti, argu'uuf ni danda'e» jechu'uun, ni deebise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni deebisee, «Namicha Yesuus jedhamutti biyyee dhoqqeessee, ila tiyyatti dibee, akka ani gara haroo Siilo'aamii dhaqee dhiqadhu natti hime. Maarre anille dhaqee dhiqadhee, dhagguu dande'e» jedhe.