John 9:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Fariisaayoti gariin, “Namichi kun Sanbataa waan hin ulfeessineef, Waaqa biraa ka dhufe te'iisa hin dande'u” jedhane. Worri kuun ammoo, “Nami cubbaalessi attamiin bilbaasota akkasii hujuu dande'a?” jedhanee odduu isaaniititti gargar qoqqoodam te'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Farisayo keesa nami gari waan jed'e, Namichi kunini, ka waan kana tolche, gara Waaqaati ind'umne, maro inni seera Sabato inguunneefi. Ammo ka gari waan jed'e, Nami daba qabu akami dandae waan akana kana tolcha? Jennaani gargari bahani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Fariisota keessaa namii garii, “Namichii kunin ka waan kana tolche, innii waan seera sambataa hineeneef, gara Waaqaatii hindhumne” jedhee, ka garii ammoo, “Namii cubbuu qabu akkam danda'ee waan akkanaa kana tolcha?” jedhe. Jennaan gargarii ba'an.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fariisota keessaa gari gariin, «Namni kun waan Sambata hin kabajjineef Rabbiin irraa hin dhufne» jedhan; kuuwwan ammo, «Namni cubbamaan attamitti maalalee akkanaa kanniin godhuu danda'a?» jedhanii wol fooyan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Fariisota keessaa gari gariin, «Namni kun Sambata waan hin kabajjineef Rabbiin irraa hin dhufne» jedhan, kuuwwan ammoo «Namni cubbamaan maalalee akkanaa kanniin godhuu attamitti danda'a?» jedhanii wol fooyan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo kanatti worra Fariisota keessaa tokko tokkoon isaanii, «Naminni kun Sanbbata waan hin kabajineef, inni Waaqa irraayyii miti» jedhan. Kuunniin garuu, «Eegaa naminni cubbamaa ta'e, baasota kanniin attamitti taasisu'uuf dandda'a?» ni jedhan. Sababa kanaan'llee jidduu isaanii titti, gargar fooyamiinssi ni ta'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Fariisaayoti gariin, «Namichi kun Sanbataa waan hin ulfeessineef, Waaqa biraa ka dhufe te'iisa hin dande'u» jedhane. Worri kuun ammoo, «Nami cubbaalessi attamiin bilbaasota akkasii hujuu dande'a?» jedhanee odduu isaaniititti gargar qoqoodam te'e.