John 9:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre Fariisaayoti namicha dur balla'aa kaaniin, “Marroo namicha ila tiyya bane jettu kanaa, maan jetta?” jdhanee gaafatane. Namichi deebisee, “Inni raag'a” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle namicha balla kaaniini maro lameeso waan jed'ani, atini namicha kanati ila naa bane jetta, amma waan isaa maani jetta?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee marroo lameessoo namicha ballaa kaaniin, “Atin namicha kanaatti ila naa bane jettaa, amma waan isaa maan jetta?” jedhaniin.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sababaa kanaaf namicha ijaan hin argine saniin, «Ati waan namicha ija tee banee maal jetta?» jedhaniin. Innillee, «Raatticha» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Sababaa kanaaf namicha ballaa sanniin, «Ati waan namicha ija tee banee maal jetta?» jedhaniin. Innillee, «Raatticha» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf namicha jaamaa tureen, «Ati ammoo ija tiyya naaf fayyisee jira waan jettuun waayee nama sanii maal jetta?» jechu'uun, irra deebi'anii ni gaafataniin. «Inni'llee nabiyyi'i!» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Fariisaayoti namicha dur balla'aa kaaniin, «Marroo namicha ila tiyya bane jettu kanaa, maan jetta?» jedhanee gaafatane. Namichi deebisee, «Inni raaga'a» jedhe.