John 9:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yihudooti baallii qabanu, namichi kun akka dur ballaa te'eeruu fi amma dhagguu dande'e, haga worra isaa waamanutti hin dhugeeffanne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yahudiini aka inni duraani balla, amma ammo lafa arge d'ugefachu didde, haga abbaafi haad'a isaa gaafataniti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yihudiin akka innii duraan ballaa, amma ammoo lafa arge dhugeeffachuu didde, haga haadhaa fi abbaa isaa ufiitti yaamtee hingaafatin cufa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yihuudonni namichi kun akka dura ka ijaan hin argine ta'e, maayessa ammo akka ijji isaa argite haga worra isaa waamanii gaafatanitti hin amanne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yihuudonni namichi kun akka dura ballaa ta'e, maayessa ammoo akka ijji isaa argite haga worra isaa waamanii gaafatanitti hin amanne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Naminni kun jaamaa akka turee ijji isaa'llee maa'ii attamitti akka banaman, maatii isaa waamanii haga yeroo gaafatanii titti, namoonni worra Yihudotaa ka aangoo qaban hin amanne turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudooti baallii qabanu, namichi kun akka dur ballaa te'eeruu fi amma dhagguu dande'e, haga worra isaa waamanutti hin dhugeeffanne.