John 9:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre isaan worraan, “Mucaan keessan, ka isin ballaa te'ee dhalate jettanu kanaa? Amma inni attam dhagguu dande'e ree?” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba waan jed'aniini, Kunini ilma keesani? Inni balla d'alate? Inni amma akamiini lafa arga re?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba warraan, “Kunin ilma keessanii? Innii ballaa dhalatee? Innii amma akkamiin lafa arga ree?” jettee gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee maatii isaa, «Ilmi keessan ka ijaan hin argine ta'ee dhalate jettan kanaa? Eegasuu amma attamitti arguu danda'e ree?» jedhanii isaan gaafatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaannillee Ilmi keessan ka ballaa ta'ee dhalate jettan kanaa? Eegasuu amma attamitti arguu danda'e ree? jedhanii isaan gaafatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf maatii isaatiin, «Jaamaa ta'ee dhalate ka jettan ilmi keessan kana moo? Amma hoo attamitti argu'uuf dandda'e?» jechu'uun, isaan ni gaafatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan worraan, «Mucaan keessan, ka isin ballaa te'ee dhalate jettanu kanaa? Amma inni attam dhagguu dande'e ree?» jedhanee gaafatane.