John 9:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barattooti isaa, “Barsiisa'a, akka namichi kun ballaa te'ee dhalatu ka cubbuu huje eennu? Isuma mo'o worra isaati?” jedhanee isa gaafatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jari isaa waan jed'eeni, Aabbo, nama kana mo abbaafi haad'a isati daba tolche, ka inni ballaa d'alate?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jarii isaa, “Aabboo, nama kana moo haadhaa fi abbaa isaatti cubbuu hojjate, ka innii ballaa dhalate?” jedhee gaagate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Darasoonni, «Barsiisaa'a! akka namni kun ka ijaan hin argine ta'ee dhalatuuf ka cubbuu hojjate eennu? Isa mo'o worra isaati? jedhanii isa gaafatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Darasoonnillee, «Barsiisaa'a, akka namni kun ballaa ta'ee dhalatuuf ka cubbuu hojjate eennu? Isa moo worra isaati? jedhanii isa gaafatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barattoonni isaa Yesusiin, «Yaa barsiisaa, naminni kun jaamaa ta'ee ka dhalate cubbuu eennuutiin? Cubbuu mataa isaatii moo yookiin ka maatii isaatiin?» jechu'uun, ni gaafataniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barattooti isaa, «Barsiisa'a, akka namichi kun ballaa te'ee dhalatu ka cubbuu huje eennu? Isuma mo'o worra isaa ti?» jedhanee isa gaafatane.