John 9:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami akka Yesuus Masiihii te'e dhugaa baasee dubbatu, Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessaa akka ari'amu Yihudooti baallii qabanu waan wolii galaneeranuuf, worri isaa isaan sodaatee tana jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti abbaafi haati isaa waan kana jetteefi Yahudi sodaate; wonti akanatiifi Yahudiini yayu wolmariatte aka nama Yeso jed'u ch'ufa Mana Waaqa keesa gussani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii haadhaafi abbaan isaa waan kana jetteef Yihudii sodaate; waan Yihudiin akka nama Yesus jedhu cufaa mana waldeennaa keessaa gussitu walmari'aateef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maatiin isaa waan Yihuudota sodaataniif kana jedhan; ka inni Kiristoos jedhee ragu yoo jiraate, Yihuudonni mana sagada Yihuudotaatii akka isaan hin baafneef Yihuudonni waan wolii galaniiraniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maatiin isaa waan Yihuudota sodaataniif kana jedhan, ka inni Kiristoos jedhee ragu yoo jiraate, Yihuudonni mana sagada Yihuudotaatii akka isaan hin baafneef Yihuudonni waan woliigalaniiraniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaheloonni isaa kana ka jedhan Yesus, «Masihi'i» naminni jedhu yoo jiraate, namoonni aangoo qaban ka worra Yihudotaa bakka woligayii isaaniitii isa baasu'uuf waan woliigalanii jiraniif, san sodaachu'uun ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami akka Yesuus Masiihii te'e dhugaa baasee dubbatu, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa akka ari'amu Yihudooti baallii qabanu waan wolii galaneeranuuf, worri isaa isaan sodaatee tana jedhe.