John 9:25 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Namichi deebisee, “Inni cubbaalessa te'uu yookiin te'uu dhabuu ani hin beeku; waan tokko qofaa beeka: Ani ballaa te'ee ture, amma ammoo hin dhagga” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan jed'eeni, Nama daba tahule ani imbeekhu. Ammo waan toko imbeekha; anini qara balla, amma yayu lafa arge.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namichii ammoo, “Nama cubbuu ta'uullee anin hinbeeku. Ammoo waan tokko inbeeka; anin qara ballaa, amma yaayyuu lafa arge” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee deebisee, «Ani ammo cubbamaa ta'uu isaa hin beeku, ani akka nama ijaan hin argine ture, amma ammo arguu kiyya callaa beeka» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee deebisee, «Ani cubbamaa ta'uu isaa ammoo hin beeku, ani ballaa akka ture, amma ammoo arguu kiyya callaa beeka» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namichi jaamaa ture'llee, «Inni cubbamaa ta'uu isaa ani hin beeku, waan tokko garuu ni beeka, kun'llee ani jaamaa akka turee fi amma argu'uuf akka danda'e qofa» jechu'uun, ni deebise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namichi deebisee, «Inni cubbaalessa te'uu yookiin te'uu dhabuu ani hin beeku; waan tokko qofaa beeka: Ani ballaa te'ee ture, amma ammoo hin dhagga» jedhe.