John 9:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni deebisee, “Ani duruu isinitti himeera, isin hin caqanne. Maaf ammaalle dhage'uu barbaaddan? Isinille barattoota isaa te'uu feetanii?” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan jed'eeni, Ani la reefu isaniti hime, ammo ch'aqasu diddani. Maafi maro lameeso na gaafattani? Isanileeni jara isaa tahu feetani?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii, “Anin reefuu laayyuu isanitii hime, ammoo caqasuu diddani. Maaf marroo lameessoo dhaga'uu feetan? Isaniilleen jara isaa ta'uu feetanii?” jedhee deebiseef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee deebisee, «Qaraa isinitti himeera, isin ammo na hin dhageenne, maaf lammeessoo dhagayuu feetan? Isinillee akkasuma darasaa isaa ta'uu feetanii?» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee deebisee, «Qaraa isinitti himeera, isin ammoo na hin dhageenne, maaf lammaffaa dhagayuu feetan? Isinillee akkasuma darasaa isaa ta'uu feetanii?» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee, «Durssee isinitti himee jira, isin garuu dhagayu'uuf hin barbaadan, eegaa, waayee maali'iitiif deebitanii dhagayu'uuf barbaadan? Isin'llee barataa isaa ta'uuf ni barbaaddan moo?» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni deebisee, «Ani duruu isinitti himeera, isin hin caqanne. Maaf ammaalle dhage'uu barbaaddan? Isinille barattoota isaa te'uu feetanii?» jedhe.