John 9:30 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Namichi deebisee, “Wonni kanciraa, inni eessaa akka dhufe isin hin beettanu! Inni ammoo ila tiyya bane!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namichi kaani waan worraani jed'e, Ehayi, tunini waan mamaati! Gara inni bahefi imbeetani ammo inni ila naa bane!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namichii kaan warraan, “Ehaayii, tunin waan mamaati! Isan gara innii ba'eefuu hinbeettanii innii ammoo naa ila bane!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namichillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Eessaa akka dhufe wollaaluun keessan kun waan maalalchiisa'a! Waa maraafuu inni ija tiyya baneera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namichillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Eessaa akka dhufe wollaaluun keessan kun waan maalalchiisa'a! Waa maraafuu inni ija tiyya baneera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namichi'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Naminni kun eessaa akka ta'ee beekuu dhabuun keessan ana maalalchiisa! Garuu ka ija tiyya naaf ibise isa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namichi deebisee, «Wonni kanciraa, inni eessaa akka dhufe isin hin beettanu! Inni ammoo ila tiyya bane!