John 9:34 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan, “Ati cubbu'uun guutantee dhalattee nu barsiisiisaaf wodhaantaa?” jedhanee gussanee gad isa baasane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri waan jed'eeni. Atini nami ufiiftu daba keesati d'alatte, amma teete nu barsiifta? Duuba alati isa gussani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii deebisee, “Atin namii ufiiftuu cubbuu keessatti dhalatteetti, amma teetee nu barsiiftaa?” jedhee, alaatti isa gusse. Ballooma hafuuraa
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan ammo deebisanii, «Nafti kee hoomaanuu cubbu'uun dhalate. Situ nu barsiisaa?» jedhanii gara diidaa isa baasan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan ammoo deebisanii, «Nafti kee hoomaanuu cubbu'uun dhalate. Situ nu barsiisaa?» jedhanii gara diidaa isa baasan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee, «Garri qabddu marrinuu cubbu'uun guutamee ka dhalatte! Ati ammoo nu'u barsiisu'uufii ree?» jedhaniiti, bakka woligayii isaaniitii ni baasaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan, «Ati cubbu'uun guutantee dhalattee nu barsiisiisaaf wodhaantaa?» jedhanee gussanee gad isa baasane.