Jonah 1:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan jed'eeni, Anini imbeekha, maro wollaala kiyyatiifi bubbeeni hamtuuni tunini isani qabatte. Fuud'a, baariini keesa na buusa, duuba bubbeeni tunini bubbisu lakifti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoonaasillee isaaniin «Wonti dambaliin kun isinitti ka'eef akka sababaa yakka kiyyaaf ta'e ani hin beeka; kanaafuu fuudha'aa galaanatti na gataa'a; yoo san dambaliin isin irraa cadhisaa» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yoonaas deebisee, «Rakkoon danbali'ii tun sababa kiyyaaf akka teete hin beeka. Abbaayaa gudditti'itti na gata'a; yoos danbaliin hin sarmiti» jedheen.