Jonah 1:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi worri AABBO Waaqati bohe waan jed'eeni, Ee AABBO Waaqa, nu si kad'anna, nama kanaa jette nu imballeesini; d'iiga nama woma iyyakiini kana nura inkayini. Ee AABBO Waaqa, nami waan kana ch'ufa tolchu siuma; wonti kunini ch'ufti woma atini tolchite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu worri markaba yaabbatan, «Rabbi Gooftaa keenna! yoo nu'u akka lubbuun nama kanaa badu goone nu hin balleessin; ati waan ufii feete waan gooteef akka waan nu'u dhiiga nama qulqullu'uu jissinee gootee nutti hin laakkayin!» jedhanii Rabbitti iyyatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan bowanee, «Maganne'e Mootii Waan Maraa, sababa lubbuu namicha kanaatiif nu hin balleessin, akka worra nama yakkaa hin qanne ijjeesuutitti nu hin laakkowin; ee Mootii Waan Maraa, ati waan jaalattu gooteerta» jedhane.