Jonah 1:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yonaani kae, aka AABBO Waaqa duraa lafa Tarshishiti baqatu, dira Yafa d'aqe, hobolo guddo toko ta Tarshishi deemtu, arge beese baase yaabate, aka akasiini Tarshishi d'aqe AABBO Waaqa duraa bahu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoonaas ammo Rabbiin afo'oo dheessuu yaadee gara Tarsesii deemu'uuf ka'e; gara Iyyoophe'ee gad bu'ee markaba gara Tarsesii deemtu argatee haga gatii deemsaaf isa barbaachisu kennee maayessa markabattii keessa seene; yaanni isaa Rabbiin afo'oo dheessu'uuf ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yoonaas ammoo, fuula Mootii Waan Maraa duraa baqatee gara ollaa Tarshiishii deemiisaaf ka'ee, ollaa Yoopheetitti gad bu'ee hoboloo guddittii gara Tarshiishii deemaartu dhaggate; inni gatii ittiin deemu kaffaleen duuba, fuula Mootii Waan Maraa duraa gara Tarshiishii baqatiisaaf hoboloo guddittii yaabbatte.