Jonah 1:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba worri hobolo suni keesa hojatu ch'ufti nahe, namu waaqa ufii yaamate. Jennaani worri miha hobolo keesa jiru ch'ufa, aka hobolooni sablattu, baariiniti jisse. Ammo Yonaani qarayu garaa hobolo suni keesa seene gach'iise aka male rafe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri markaba yaabbatan waan guddisanii sodaataniif maruu gara Waaqa ufii iyyan; waan markabatti'itti ulfaate dhidhisuu yaadanii meeshaa isii keessa jiru baasa'aa galaanatti gatan; Yoonaas ammo kutaa markaba keessaa gara cinaa gad aanuutiin ciisee hirribni guddaa isa fudhatee ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri hoboloo san oofu duudiin guddoo sodaatanee, nami marti tokko tokkoon isaatuu gara waaqota ifii iyye. Akka itti sallatuuf meya hoboloo guddittii keessa jiru gara abbaaya'aa gad gatane; Yoonaas ammoo kolloo hoboloo sanii keessa gad bu'ee, addee irkatetti hirriiba hamaa keessa jiraayyu.