Jonah 1:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani namichi huji hobolo suni ch'ufa harkaa qabu d'ufe, artiti isa arge waan jed'eeni, Isii abbo, atini maafi ufumaa rafta? Kai, waaqa kanke yaamad'i, hegeri inni nuu nahe lubbu nu baasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ajajaan worra markaba oofuu gara isaa dhiyaatee «Attamitti rafta? yabo'oo ka'ii Waaqa kee waamadhu; maal laataa inni garaa nuu laafee lubbuu teenna hambisuu danda'a ta'aa» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ajajaan hoboloo gudditti'ii gara isaa dhikaatee, «Attam akkana ifi gattee ratta? Ka'ii waaqa keeti waammadhu, takki nuu nayee badii irraa nu hambura fa'a» jedheen.