Jonah 2:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini hidda gaareeni, fulla lafa balbalti isii haga jiru jireenna imbanamneeni bahe. Ammo, ee AABBO Waaqa kiyya, atini d'immu suni keesaa na fuute, lubbu na baafte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani gaarran jalatti bade; lafa achi jalaa keessatti silaa baraa haga bara baraa natti cufamee ture; ati garuu Rabbi Waaqa kiyya! qilee bisaanii keessaa na baaftee lubbuu tiyya hambifte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani gaarota jalatti, lafa balbalti haga bara baraa natti cufantetti gad bu'e. Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya ati ammoo, jiru'uun qilee keessaa na baatte.