Jonah 3:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba inni qonqo tana nama ch'ufati labse waan jed'e, Tunini dubbi hayyufi jara isaa gugurda iraa d'ufte: Namafi loonifi reeleeni woma sooratte bisaanile ind'ugiini.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni banii Nanawwe'eetitti «Akkaataa mootichinii fi worri jajjabaan ajaja dabarsanitti eennullee yookaan busaawaan, tinni hori'iitii fi tinni hoola'aa akka womaa hin nyaanne, bisaanillee akka hin dhunne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba mootichi gara kolbaa Nanawwe'ee lassii erge; lassiin baate sun mootichaa fi qondaaltota isaa biraa akka ajajametti: «Eennulle woy afaaniin hin qabin; horiin, hooleelle marra hin dheedin; bisaanille hin unin.