Jonah 4:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini dira Ninawi gudda kana, ka nama kuma d'ibba tokofi diddama ira jiru qabu, ka nami suni mirgafi bita imbeenne, ka inni hori heddule qabu, nahu himmalle?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nanawween qachaa baniin kuma dhibba tokkoo fi diddamaa olii ka misha'aa fi hamaa adda baasuu hin dandeennetu keessa jiraata; isii keessa busaawaa heddutu jira; eeganaa ani qachattii guddoo tanaa silaa garaa laafuu na hin barbaachisuu?» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qachaa guddaa Nanawwe'ee ka namooti kuma dhibba tokkoo fi diddam, ka middaa fi bitaa ifii addaan hin beenne, horiin hedduulle keessa ka le'u kanaaf guddoo nayuu hin qabu ree?» jedhe.