Jonah 4:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqa kad'ate waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, wonti kunini waan anini gaafa qara worra kiyya jiru jed'eeniti? Wonti anini hurrise kae lafa Tarshishiti baqad'eefi suni! Anini imbeekha, aka atini Waaqa eebafi naasufi obsafi jaalala haga jirtu ind'umanne qabu, ka herega ufii jijire namaa nahu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
akkana jedhee Rabbiin kadhate, «Yaa Rabbi! ani akka ati waan kana gootu uduu biyya kiyya jiru sitti dubbadhee hin turree? sababaa ani si jalaa dheessee gara Tarsesii deemu'uuf karoorfadheef kanaaf akka ati arjaa'a, ka namaa dhiiftu, ka obsitu, ka araarri kee gudda'aa, ka jaalala bara haga bara baraa qabdu, Waaqa lola dhiiftee namaa araaramtu taate hin beeka ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni gara Mootii Waan Maraa daadimatee, «Mootii Waan Maraa kiyya, adoo biyya tiyya jiruu, wonni ani dubbadhe tanumaa motii ree? Ani tanaaf dafee gara biyya Tarshiishii baqadhe. Ati Waaqa arjaa, mararaa, ka aari'iif hin ariifannee fi ka jaalala bara baraa guddaa qaddu, waan hantuu fidiisaaf murteeffattelle ka lakkittu akka teete beekeera.