Jonah 4:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Waaqi waan isaani jed'e, Atini d'uga maani qabda, ka teete mukha kanaa jette dallantu? Yonaani wa wa wa waan jed'e, Anini d'ugaafi dallane, yo dallansuuni na ijeeftele.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbillee Yoonaasiin «Ati waan buqqee tanaatiif biibbawuu si barbaachisaa?» jedheen. Yoonaasillee Rabbiin «Dhugamaan biibbawuu na barbaachisa; sirimaa haga du'utti aaruu na barbaachisa!» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi ammoo Yoonaasiin, «Ati marroo buqqi'iitiif aariis keeti sirri'ii?» jennaan, Inni deebisee, «Ani haga du'aatitti aariisa qaba» jedhe.