Joshua 1:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nad'eeni teesanifi ijoolle teesanifi horiini keesani ch'ufti ha lafa Musani galaana Yordani gama kanati isanii kenneti hafaniti. Ammo d'iirti lolaa ch'ufti kurfefate woraana guurate, ha gosa isanii dura galaana Yordani taakite qarqaartuti,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haawwonni manaa teessan, ijoolleen teessanii fi horiin keessan lafa Muuseen Yoordaanosiin gamatti isinii kenne keessa haa jiraatanii; isin garuu worri jajjabaan maruu hiriira'aatii obboleewwan keessan afo'otti ceeya'aatii isaan gargaaraa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dubartooti teessan, ijoolleen teessanii fi horiin keessan lafa Muuseen laga Yordaanosiitiin gara aduun baatutti isiniif kenne keessa turanuu ti; namooti keessan ka meya lolaa hidhatane duudiin ammoo, obboleeyyan ifii Israa'eloota qarqaariisaaf isaaniin dura bu'anuu ti;