Joshua 1:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
haga worri lafa AABBO Waaqi gama suniti keenneefi fud'atuti. Eegi Waaqi gosa Israeli ch'ufa teeso kenneefi, duuba dandeetani lafa teesani tana, ta hojattuuni AABBO Waaqa Musani gama kanati isanii kenne keesa qubatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma Rabbi hara isin baafachiise akkasuma haga obboleewwan keessan hara baafachiisuuf isaanillee akkasuma lafa Rabbi Waandhi keessan isaanii kennu haga dhaalanitti lafa garbichi Rabbii Muuseen gara baya biiftu'uutitti isinii kennetti deebitanii dhaaltan» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa akkuma isin foorfachiise obboleeyyan teessanille haga foorfachiisu, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isaaniif kennulle haga fudhatanutti isaan qarqaara'a. Achiin duuba lafa teessan ta Muuseen tajaajilaan Mootii Waan Maraa laga Yordaanosiitiin gara aduun baatutti isiniif kennetti deebitanee hin qabattan» jedhe.