Joshua 1:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbini kitaaba Seera tunini afaani si imbuini. Halkani guyya soomi, qalbi keesa keeyad'i, waan keesati t'aafani ch'ufa guuti, jabeesi, akanaani karaani kanke qajeele, wonti atini tolchitu ch'uftu sii guutamti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Seerri kitaaba kanaa afaan kee keessaa hin dhabamin! waan barreeffame maraa eeddee akka gootu halkanii guyyaa yaadi; yoo san karaan kee sii qajeela; wonti maruu sii ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kitaab Seeraa kun afaan keeti keessaa hin dhabamin. Waan isa keessatti barreeffame duudii akka muummessitu, halkanii fi guyyaa isa yaadadhu; yoo tana goote, wonni marti qajeelaan sii teeti.