Joshua 10:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyuuni Yerusalemu, ka Adon-Zedeki jed'ani, aka Yoshuani dira Ai dabsate, akuma inni Yerikofi hayyu isaa tolche, hayyu Ai ijeese dira sunile balleese d'agaye. Ammalle aka worri Gibeoni nagaya worra Israeli woliini tolfatani woliini taani d'agaye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootii Yerusaalemii Adoonitsedeq akka Iyyaasuun Gaayiin qabatee sirima akka isii balleesse, waan Iyyaariko'oo fi mootii isi'ii irratti godhe, akkasuma waan Gaayii fi mootii isi'ii irratti godhe, akka namoonni Gabaa'oonii worra Israa'elii woliin wolii galtee nagayaa akka godhatanii fi isaan woliin akka jiraatan hennaa dhagaye,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoonii-Zedeq mootiin Yerusaalemii, Iyaasuun qachaa Aayii fudhatee ijjumaa akka balleesse, waan inni qachaa Yeriko'ootii fi mootii Yeriko'oo, Aayii fi mootii Aayii godhe, worri Giibe'oniille Israa'eloota woliin akka wol gondooranee woliin le'iisatti jiranu yennaa dhage'e,