Joshua 10:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato worri Amori kaarra gaara suni askarti Israeli baqatu, AABBO Waaqi bokaya d'akhaa gugurdaani roobu iti roobe. Ato bokeeni sunini inch'aamini worri Azekani bahe. Bokai d'akhaa suni nama worri Israeli ijeese ira ijeese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan ijoollee Israa'elii jalaa dheessanii uduu dhooqa Beetihoorii gad bu'an haga isaan Azeeqaa gayanitti Rabbi samii irraa baradaa dhaga'aa gugurdaa isaan irratti roobsinaan dhuman; worra ijoolleen Israa'elii guraade'een ajjeesan caalaa worra dhagaa barada'aatiin dhumantu caala.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Amoorotaa Israa'elootaan dura Bet-horoon irraa gad adoo baqatuu, haga Aazeqa'aatitti Waaqi gubbaa irraa dhakaa bokkeyaa gugurdaa isaanitti buuse; worra Israa'elooti shallaaga'aan ijjeesane caalaa, worra dhakaa bokkeyaatiin du'etti caala.