Joshua 10:24 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yoshuatini gad'ufani. Jennaani Yoshuani askarti Israeli ch'ufa wolti yaame, waan worra gugurda askarti ka lola isa woliini yaeni jed'e, Koota miila keesanini qaach'era hayyoota tana ira ejaanjad'a. Jennaani worri d'ufe hayyoota suni qaach'era ira ejaanjate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa isaan mootota sanniin gara Iyyaasu'uu baasan, Iyyaasuun namoota Israa'elii maraa waamee bulchoota loltootaa worra isa woliin deeman as kootta'aatii mootota kanniin lukaa fi morma isaanii irra ijjadhaa'a isaaniin jedhe; isaanillee gara isaa dhufanii morma mootota sanniinii irra ijjatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa isaan mootota san gara Iyaasu'uu fidane, Iyaasuun namoota Israa'elii duudii waamee, ajajjoota woraanaa ta ifiitiin, «As kowa'aatii miila keessaniin morma mootota kanaa irra ijjadha'a» jedhe. Isaanille dhufanee miila ifiitiin morma mootota sanii irra ijjatane.