Joshua 10:28 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya suni Yoshuani dira Makedatifi hayyu isaale had'e, qabe, nama dira suni keesa jiru ch'ufa, haguma inni gahuni, fit'e hobaase. Ammalle akuma qara hayyu Yeriko tolche, hayyu Makedale tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa san Iyyaasuun Maqeedaa qabatee isi'ii fi mootota isi'ii guraade'een fixe; worra isii keessa jiran maraa sirima balleesse; hin fixe, isaan keessaa tokkollee hin hambifne; akkuma mootii Iyyaariko'oo godhe akkasuma mootii Maqeeda'aallee godhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Iyaasuun gaafuma san Maqedaa qabatee, namoota qachaa san keessaatii fi mooticha qachaa sanii shallaaga'aan ijjeese; nama qachaa san keessaa tokkolle hin hamburre. Inni mootii Yeriko'oo akkuma godhe, mootii Maqeda'aalle godhe.