Joshua 10:30 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi dira kanafi hayyu isaale akuma kaani harka worra Israeliti kenne, worri nama tokole illakimne, ch'ufa fit'e. Akuma hayyu Yeriko tolchani kanale tolchani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi isi'ii fi mootii isi'iillee dabarsee Israa'elii kenne; isi'ii fi waan isii keessa jiru maraa guraade'een fixe, isii keessatti waan tokkollee hin hambifne; akkuma mootii Iyyaariko'oo godhe, mootii Liibina'aallee godhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi qachaa Liibna'aatii fi mootii qachaa sanii harka Israa'elootaatitti dabarsee kenne. Isaan namoota qachaa sanii ijjeesanee, nama tokkolle hin hamburre. Isaan mootii Yeriko'oo akkuma godhane, mootii Liibna'aalle godhane.