Joshua 10:40 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akanaani Yoshuani lafa suni ch'ufa dabsate. Inni lafa gaareenitifi ta Negebutifi ta lafa golbootifi ta lafa gamoojile dabsate; inni tokole illakimne, ch'ufa fit'e, akuma AABBO Waaqi Israeli isaani jed'e kaani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma kana Iyyaasuun lafa maraa, lafa biyya gaaraa maraa, lafa dhooqaatii fi mootota isi'ii maraa tokko uduu hin hafin dhaye; akkuma Rabbi Waandhi Israa'elii isa ajaje waan lubbuu qabu maraa sirima balleesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Iyaasuun lafa duudii, biyya koobittii, goodda gara aduun baatuutii fi biyya kooba jalaa, akkasuma biyya goomolee kibba Kana'aanii, mootota isaanii mara injifate. Inni akkuma Goottaan Waaqi Israa'elii ajaje nama duudii balleessee, nami tokkolle hin hanne.