Joshua 11:20 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Woni kunini ch'ufti waan AABBO Waaqi tolche, ka inni garaa worraa jabeese, aka worri worra Israeli had'e, akanaani worri Israeli worra ch'ufa naasu male fit'e hobaase. Akuma AABBO Waaqi Musani jed'e kaani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma Rabbi Muusee ajaje akka isaan balleessanii fi gaachenallee akka isaan hin arganne sirima akka isaan balleessan, akka lapheen isaanii jabaatee Israa'eliin wol lolan Rabbi godhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka isaan Israa'eloota woliin wol lolanu, Waaqi mataa jabeeyyii isaan godhe; tanaaf ijjumaa akka badanu isaanitti murantee marartii malee ijjeefamane; kun ajaja Waaqi Muuse'eef kenne.